Unit 1: Essential English Conversation
Select a unit
- 1 Essential English Conversation
- 2 Unit 2
- 3 Unit 3
- 4 Unit 4
- 5 Unit 5
- 6 Unit 6
- 7 Unit 7
- 8 Unit 8
- 9 Unit 9
- 10 Unit 10
- 11 Unit 11
- 12 Unit 12
- 13 Unit 13
- 14 Unit 14
- 15 Unit 15
- 16 Unit 16
- 17 Unit 17
- 18 Unit 18
- 19 Unit 19
- 20 Unit 20
- 21 Unit 21
- 22 Unit 22
- 23 Unit 23
- 24 Unit 24
- 25 Unit 25
- 26 Unit 26
- 27 Unit 27
- 28 Unit 28
- 29 Unit 29
- 30 Unit 30
- 31 Unit 31
- 32 Unit 32
- 33 Unit 33
- 34 Unit 34
- 35 Unit 35
- 36 Unit 36
- 37 Unit 37
- 38 Unit 38
- 39 Unit 39
- 40 Unit 40
Session 41
Listen to find out how to get to places.
Akkatti bakkawwan adda addaa dhaqan hubachuuf caqasi.
Session 41 score
0 / 3
- 0 / 3Activity 1
Activity 1
How can I get to…?
Listen to find out how to get to places.
Akkatti bakkawwan adda addaa dhaqan hubachuuf caqasi.
Listen to the audio and take the quiz. Qormaaticha fudhachuuf sagale kana caqasi.

Caalii
Yooyyaa! Barataan Afaan Ingilizii kamiyyuu isa malee baruu kan hindandeenye qooqa barbaachisoo kan isiniif dhiheessu gara Essential English Conversation’tti baga nagaan dhufte. Ani Caaliidha. Kutaa kana keessatti, akkamitti bakkawwan garagaraa akka itti dhaqan akkaata itti gaafattu baratta.
Namoonni lama waa’ee gara buufata xiyyaaraa dhaquu wayita walitti dubbatan caqasi.
Sian
How can I get to the airport?
Phil
You can go by bus or taxi.
Sian
I’m late. I need a taxi!
Caalii
Hubachuuf yoo si rakkise hinyaadda’iin; shaakaluuf akka sigargaaruuf haasawicha addaan qoodna.
Dubbattuun jalqabaa, akkamitti gara buufata xiyyaaraa ‘airport’ akka dhaqxu gaafatte. Caqasiitii irradeebi’i.
How can I get to the airport?
Caalii
Dubbataan lammaffaas atobisii ‘bus’ ykn taaksiidhaan deemuu akka dandeessu itti hime. Caqasiitii irradeebi’i.
You can go by bus or taxi.
Caalii
Namni fedhes konkoolaataa ofii oofuun ‘drive’ ykn baaburaan deemuu ‘go by train’ jechuus ni dandeessa.
You can drive.
You can go by train.
Caalii
Dubbattuun jalqabaa akka barfatte ‘late’ taate hubatteetti. Caqasiitii irradeebi’i.
I’m late.
Caalii
Isheenis akka taaksii ‘taxi’ ishee barbaachisuu ‘need’ dubbatte. Caqasiitii irradeebi’i.
I need a taxi!
Caalii
Baay’ee gaarii. Ammammoo, namoonni gara garaa, akkatti bakkawwan garagaraa ittii dhaqan wayita walgaafatan caqasuun maal akka jette mirkaneeffadhu.
Veeraan hiriyootashii gaararra jiraatan dhaqxe ilaaluuf barbaaddi. Xiyyaaraa ‘plane’ dhaan deemuuf murteeffatte.
How can I get to the mountains?
You can go by bus or plane.
I don’t have time. I want to go by plane!
Roobarti gara magaalaa ittaanuu ‘next town’ dhaquu barbaada. Sababa konkolaata hinqabneef, baaburaa ‘train’ dhaan deemuuf murteeffate.
How can I get to the next town?
You can go by train or drive.
I don’t have a car, I want to go by train.
Caalii
Tole, irradeebinee haayaallu. Himoota Afaan Ingiliziin caqasiitii irradeebi’i. Yeroo kanatti tokkoo-tokkoosaanii al lama dhageessa.
How can I get to the airport?
How can I get to the airport?
You can go by bus or taxi.
You can go by bus or taxi.
I’m late.
I’m late.
I need a taxi!
I need a taxi!
Caalii
Baay’ee gaarii! Afaan Ingilizii hagam dansaa akka yaadattu haa’ilaallu. Himoota qooqakeetiin caqasiitii Afaan Ingilizii keessatti maal akka ta’an himi.
Akkamittan gara buufata xiyyaaraa dhaquu danda’aa?
How can I get to the airport?
Atobisii ykn taaksiin deemuu dandeessa.
You can go by bus or taxi.
Nan barfadhe.
I’m late.
Taaksiin barbaada!
I need a taxi!
Caalii
Misha! Tole, amma bakkawwan garagaraa deemuuf akkaataa ittiin gaafattuufi deebii laattu ni beekta. Dubbattuun jalqabaa akkamitti gara buufata xiyyaaraa akka dhaqan wayita sigaafattu deebii laachuudhaan shaakali.
How can I get to the airport?
I’m late. I need a taxi!
Caalii
Baay’ee gaarii, ammammoo deebiikee sirreeffachuuf haasawicha guutummaasaa irradeebi’iitii caqasi.
Sian
How can I get to the airport?
Phil
You can go by bus or taxi.
Sian
I’m late. I need a taxi!
Caalii
Hojii gaarii! Amma bakkawwan garagaraa akkamitti akka dhaqan Afaan Ingliziin gaaafachuufis ta’e deebii laachuu dandeesseetta. Waan baratte shaakaluu hindagatiin. Hiriyaa tokko barbaaddadhuutii Afaan Ingliziin bakkawwan garagaraa akkatti dhaqan dubbachuufi gaaafachuun shaakali. Barnoota dabalataa Essential English Conversation‘iin yeroo ittaanutti walitti deebina. Nagaatti! Bye!
Check what you've learned by choosing the correct answer to the question.
Gaafiidhaaf deebii sirrii ta'e filuudhaan waan hanga ammaatti baratte mirkaneeffadhu.
Akkamittiin gara...gahuu danda’aa?
3 Questions
Choose the correct answer.
Deebii sirrii ta’e fili.
Help
Activity
Choose the correct answer.
Deebii sirrii ta’e fili.
Hint
Gaafiiwwaniif tartiiba jechaa yaadadhu.Question 1 of 3
Help
Activity
Choose the correct answer.
Deebii sirrii ta’e fili.
Hint
Himawwaniif tartiiba jechaa yaadadhu.Question 2 of 3
Help
Activity
Choose the correct answer.
Deebii sirrii ta’e fili.
Hint
Nama isa taaksii barbaaduun eegali.Question 3 of 3
Excellent! Great job! Bad luck! You scored:
Join us for our next episode of Essential English, when we will learn more useful language and practise your listening skills.
Kutaa barnootaa Afaan Ingilizii Barbaachisoo kan qooqa daran faayida-qabeessa ta'an keessatti barannuufi daandeettiiwwan dhageettiikee ittiin shaakaltutti yeroo itaanu walitti deebina.
Shaakala dabalataaf miseensa garee Feesbookii keenyaa ta'i!
Session Vocabulary
How can I go/ get to ______?
Akkamittii gara______ dhaquu danda’aa?
You can go ______.
______n deemuu dandeessa.
I want to go______.
______nin deemuu barbaada.
the airport
buufata xiyyaaraa
the next town
magaalaa ittaanu
by bus
atobisiidhaan
by taxi
taaksiidhaan
by train
baaburaan