Session 9

Listen to find out how to ask about someone’s birthday.

Akkaataa guyyaa dhalootaa nama tokko ittiin gaafatan hubachuuf caqasi.

Wayitii marii qabxii 9

0 / 3

  • 0 / 3
    Activity 1

Activity 1

When's your birthday?

Listen to find out how to ask about someone’s birthday.

Akkaataa guyyaa dhalootaa nama tokko ittiin gaafatan hubachuuf caqasi.

Listen to the audio and take the quiz. Sagalee kan caqasiitii qorami.

Barreeffama agarsiisi Barreeffama dhoksi

Yooyyaa! Barataan Afaan Ingilizii kamiyyuu isa malee baruu kan hindandeenye qooqa barbaachisoo kan siif dhiheessu, gara Essential English Conversation, baga nagaan dhufte. Ani Ammayyuudha. Kutaa kana keessatti guyyaan dhalootaa namootaa yoom akka ta’e akkaataa itti gaafatan ni baratta.

Namoonni lama guyyaan dhaloota isaanii yoom akka ta’e yeroo walgaafatan caqasi.

Amy
When’s your birthday?

Phil
My birthday’s on June the 10th.

Amy
Mine’s on October the 3rd.

Hubachuuf yoo si rakkise, hinyaadda’in; shaakaluuf akka sigargaaru haasawicha addaan qoodna.

Emiin jalqaba, ‘Guyyaan dhalootakee yoomi?’’ ‘When is your birthday?’ jettee Fiil gaafatte. Gaalicha caqasiiti irra-deebi’i.

When’s your birthday?

San booda Fiil, ‘’Guyyaan dhalootakoo gaafa Waxabajjii bultii 10ffaa’ ‘‘My birthday’s on June the 10th’ jedhe. Guyyaa isaa bultii fi ji’a waliin himuuf, jecha’‘on’’ jedhu fayyadamna. Fkn, ‘‘on May the 10th’ and ‘on April the 22nd.’’ Gaalicha caqasiiti irra-deebi’i.   

My birthday’s on June the 10th.

Guyyaa dhaloota keenyaa ibsuuf ji’oota bara Sanaa himna; isaanis:

January Amajjii

February Guraandhala

March Bitootessa

April Ebla

May Caamsa

June Waxabajjii

July Adoolessa

August Hagayya

September Fulbaana

October Onkoloolessa

November Sadaasa

December Muddee

Ittaansee, lakkoofsota sadarkaa agarsiisan fayyadamuun guyyaa dhalootaa ibsuu si barbaachisa. Lakkoofsonni sadarkaa tokko, lama akkasumas sadii akka asiin gaditti ibsamu:

First, second, third.

Lakkoofsota afurii hanga digdamaatti jiranif sagalee ‘ffaa’’ jedhu dhuma jechaatti idaata.  Fakkeenyaaf

Fourth Afraffaa

Tenth Kurnaffaa

Eighteenth Kudha saddeettaffaa

Lakkoofsota biroo digdamaa ol jiranif digdamaafi lakkoofsa sadarkaa agarsiisan qeenxee walitti fiduun barbaachisa.  

Twenty-fourth digdamii afraffaa

Twenty-seventh digdamii shanaffaa

Twenty-ninth digdamii sagalaffaa

Kanaaf Emiin. ‘Kankoo gaafa Onkoloolessa bultii sadaffaa’ Mine’s on October the 3rd ’ jettee Fiilitti himte. Gaalicha caqasiitii irra-deebi’i.

Mine’s on October the 3rd.

Dansa! Amma namoonni garaa garaa waa’ee guyyaa dhaloota isaanii yeroo dubbatan caqasiitii isa ati jette waliin wal bira qabii mirkaneeffadhu.

When’s your birthday?

My birthday’s on May the 23rd.

Mine’s on January the 10th.

When’s your birthday?

My birthday’s on February the 13th.

Mine’s on August the 8th.

Gaariidha! Afaan Ingilizii hangam akka yaadattu haa ilaallu. Himoota Afaan Oromoon caqasiiti Afaan Ingiliziin maal akka ta’an dubbadhu.

Guyyaan dhalootakee yoomi?

When’s your birthday?

Guyyaan dhalootakoo gaafa Waxabajjii bultii kurnaffaa dha.

My birthday’s on June the 10th.

Kankoo gaafa Onkoloolessa bultii sadaffaa dha.

Mine’s on October the 3rd

Gaariidha, ammammoo wantoota ijoo har’a baranne dhaggeeffachuuf waan Emii fi Fiil haasa’aan irra-deebi’ii caqasi.

Amy
When’s your birthday?

Phil
My birthday’s on June the 10th.

Amy
Mine’s on October the 3rd

Baay’ee gaariidha. Amma Afaan Ingiliziitiin guyyaan dhaloota isaanii yoom akka ta’e namoota gaafachuu dandeessa. Waan baratte shaakaluu hindagatin. Hiriyyaa barbaaddadhuutii Afaan Ingiliziitiin guyyaan dhalootasaa/shii yoom akka ta’e gaafachuudhaan shaakali.

Guyyaa dhalootaa ibsuuf  ji’aa fi lakkoofsa guyyaa sirrii fayyadami.

Barnoota Essential English Conversation dabalataaf yeroo itti-aanu walitti deebina. Nagaatti!

Check what you’ve learned by choosing the correct answer to the question.

Gaaffichaaf sirrii deebisuun waan baratte mirkaneeffadhu.

When is your birthday?

3 Questions

Choose the correct answer.
Deebii sirrii ta’e filadhu.

Baga gammadde! Qormaata xumurteetta
Excellent! Great job! Carraa badaa! Qabxii argatte:
x / y

Join us for our next episode of Essential English, when we will learn more useful language and practise your listening skills.
Barnoota Essential English ittaanu kan dandeettii caqasuukee ittiin shaakaltuufi qooqa barbaachisoo barannutti walitti deebina.

Shaakala dabalataaf miseensa garee Feesbookii keenyaa ta’i!

Session Vocabulary

  • When’s your birthday?
    Guyyaan dhalootakee yoomii?

    My birthday’s on ______ the ______.
    My birthday’s on ______ the ______. Guyyaan dhalootakoo ______ gaafa bultii_____.

    My birthday’s on the ______ of ______.
    My birthday’s on the ______ of ______. Guyyaan dhalootakoo ______ gaafa bultii_____.

    January
    Amajjii

    February
    Guraandhala

    March
    Bitootessa

    April
    Ebla

    May
    Caamsa

    June
    Waxabajjii

    July
    Adoolessa

    August
    Hagayya

    September
    Fulbaana

    October
    Onkoloolessa

    November
    Sadaasa

    December
    Mudde